Konfiransii Hafuura Waldaan Kristiyaanaa amantoota Wangeelaa Oromoo Osloo qopheessite eebba guddaadhaan xumurame.

March 21-23, 2008 konfiransiin hafuuraa gaggeeffame irratti namoonni 90 hanga 120 kan hirmaatan yennaa ta’u tajaajila kennameen hafuurri isaanii akka dadammaqee fi eebba guddaa akka argatan hirmaattonni baay’een dhugaa ba’aniiru.

Konfiransicha irratti keessuummaan hafeeramaniin Luba Dr. Gammachiis D. Bubaa turan. Isaanis ayyaana Waaqayyo isaaniif kenneen guyyaa sadanuu dubbii Waaqayyoo mul’ataa fi jajjabina guddaan guute dhiyeessaniiru.

Jimaata, gaafa March 21, waa’ee fannoo Gooftaa irratti hundaa’uun ture kan isaan barsiisa dhiyeessan. Jechoota torban Gooftaan keenya fannoo irratti dubbate tokko tokkoon caqasanii gadi fageenyaan irratti dubbachuudhaan ergaa jiraataa fidan. Gooftaan Keenya fannoo irratti waa’ee dhiifamaa, waa’ee tokkummaa, waa’ee dhaala barabaraa, waa’ee dheebuu hafuuraa, waa’ee waan hunduu xumuramuu, waa’ee gaaffii ofii Waaqayyotti dhiyeeffachuu fi waa’ee hafuura ofii Waaqayyootti kennachuu dubbateera.

Sanbata duraa, gaafa March 22 ergaan isaan nuuf fidan waa’ee awwaalamuu Gooftaa keenyaan kan wal qabate ture. Waa’een awwaalamuu Gooftaa keenyaa Yesuus Kristoos har’as taanaan namoota waan baay’een jalaa awwaalameef fakkeenyaa fi abdii ta’uu ibsan. Amantii Kristaanummaa fudhanne akka namoota bara sana reeffa Yesuus awwaalanii eenyuummaa fi dhimma namummaa duwwaa keessatti awwaallees akka hin hanbifne s ergaan dhufe nu akeekkachiiseera. Gooftaan keenya Yesuus Kristoos akkuma awwaalame har’as taanaan dhimmoonni fi mul’ata nuti qabnu garuu haala garaa garaatiin awwaalame humna Waaqayyootiin ka’uu akka danda’u abdiin sagalee Waaqayyoo mul’ata guddaadhaan dhufeera. Gaafa inni kun ta’u ammoo eebbi Waaqayyoo fi mo’ichi inni ijoollee isaatiif kennu ’inni kanaan duraa isa kanaan boodaa irra ni caala’.

Sanbata guddaa, gaafa March 23, lubni Gammachiis waa’ee du’aa ka’uu Gooftaa keenyaa irratti hundaa’uun ergaa nuuf fidan. HoEr. Boqonnaa tokko irratti hundaa’uudhaan du’aa ka’uun Gooftaa keenyaa karaa hin mamsiifne ragaa adda addaatiin mirkanaa’uu isaa kaasanii, har’as taanaan inni du’aa kaafame Gooftaan keenya Yesuus Kristoos jireenya saba isaa keessatti jiraataa ta’uu isaa karaa baay’ee haala hin mamsiifneen akka inni mirkaneessaa jiru ergaan fi mul’atni guddaan dhufeera.

Konfiransii guyyaa sadii ta’e kana irratti tajaajiltoonni waldattii hala garaa garaatiin qooda fudhataniiru. Keessumaa gareen faarfattootaa fi gareen faarfattoota Abdii Borii faarfannaa fi waaqeffachiisuu isaan dhiyeessan eebba guddaa ture.

Tajaajilli konfiransicha irratti kenname vcd irrati qophaa’ee ba’uuf irratti hojjetamaa jiraachuu isaa beekuun danda'ameera.

 

Waldaa Kristiyaanaa Oromoo Oslo