
Barumsa amantii cimsannaa marsaa 4ffaa Raawwate!
Barnoota amantii cimsannaa fi kan tajaajilaaf nama qopheessu ji’a afuriif erga baratanii boodaa March 30, 2008 namoonni 3 eebbifamaniiru. Leenjii isa alanaa kanaan barnoota amantii cimfannaa isanii baratanii waraqaa ragaa fudhachuu dhaan kan eebbifaman obbo Daniel Baisaa, Durbee Meetii Faisa fi obbo Mootii Hordofaa ti.
Waldaan Kristiyaanaa amantoota wangeelaa Oromoo Osloo yeroo dhaa gara yerootti amantoota haaraa fi kanaan dura sababa garaa garaa irraa kan ka’e barumsa waldaan Kiristiyaanaa amantii fudhatanatti akka cimaniif amantoota isheetiif qopheessitu utuu hin baratin hafaniif barnoota kana qopheessuun akka isaan baratan ni gooti. Haaluma kanaan kanaan dura yeroo sadiif kan eebbisiifte yennaa ta’u inni kun isa afuraffaa
Waldaa Kristiyaanaa Oromoo Oslo