AYYAANNI GUYYAA DUBARTOOTAA KABAJAME

Ayyaanni guyyaa dubartootaa inni baranaa dilbata gaafa 1.07.07 bifa addaatiin kabajamee ooleera. Woggootii darbanitti akkuma ta'aa ture ayyaanni inni baranaas jalqabaa hanga xumuraatti kan qindaa'e obbolettiwwan waldattitiin si'a ta'u guyyichi guyyaa Waaqayyo bifa addaatiin itti ulfaate ta'ee ooleera.

Sirna ayyaana kanaa irratti dubartoota waldaatiin kan qophaa'e faarfannaan garagaraa fi waaqeffannaan addaa dhihaachuu isaa irra iyyuu asoosamni gabaabaan umama dubartootaa ibsu fi draamaan afuuraa nama bashannnansiisaa dubbii Waaqayyoo nama barsiisu qophaa'ee dhiyaateera. Nyaatni aadaa garagara ayyana kana irratti kan dhihaate si'a ta'u gosni nyaataa adaa Oromoo calaqisiisu, meshaalee fi uffannaan aadaa garagaraa caalbaasiitti dhihaatee galiin babal'ina wangeelaaf oolu kroneriin 19000 (Kuma kudha sagalii) ol galii ta'uun isaa beekameera.