“Daangaan gar-gar ba’umsaa ni diigame”
Sanbata guddaa darbe, Bitootessa 22/2007 oduu gammachiisaa guddaan magaalaa Oslo waldaa wangeelaa Oromoo Osloo irraa dhaga’ame. Oduun gammachiisaan kunis waggoota sadiif addaan ba’anii iddoo garaa garaatti waaqeffachaa kan turan amantoonni tokkummaa isaanii waliin labsuudhaan iddoo tokkootti waaqeffachuuf walii galanii labsii guddaa baasuu isaanii ti. Hojii dinqisiisaa Waaqayyo hojjete kana dhugaa ba’uuf gidduutti kan argaman keessaa tokko Obbo Margaa Nagarii turan. Isaanis hojii guddaa Waaqayyo raawwate kana arganii dhuga baatu ta’uu isaanii kan isaanii wajjin dhuga baatu ta’an Obbo Alamayehu Fantahunii fi Obbo Gammachis Disaasaa bakka bu’uudhaan gammachuu guddaadhaa isaanitti dhaga’ame ibsaniiru. Sagantaa waaqeffannaa guyyaa sanaa irratti sagalee Waaqayyoo dhageessisaniinis, haalli gaddisiisaan amantoota gidduutti uumame ture sun miidhaa inni karaa garaa garaa fidee ture caqasuudhaan, haalli har’a uumame kun garuu faalla isaa labsii hojii gaarii ta’uudhaan bal’ina mootummaa waaqayyoo keessatti iddoo guddaa kan qabu ta’uu isaa ibsaniiru. Kutaa macaafa qulqulluu keessaa haala Yaaqoobii fi Esaawu namoota jedhaman obboloota lamaan gidduutti wal-dhabdee ture Seera Umamaa keessaa caqasuudhaan; dhumarratti garuu araarri isaan gidduutti bu’e ergaa guddaa akka nuuf qabu ibsaniiru. Yaaqoobii fi Eessawu jalqaba irratti hedduu yoo wal gaddisiisanii wal ajjeesuuf wal irrati ka’an illee dhuma irratti garuu araarri isaan buusan badii duraanii hunda dagachiise. Dhuma irratti walitti kufanii wal haammatanii walitti boo’anii waliif dhiisan. Jarreen kun obboloota, dhiiga tokko, abbaa fi haadha tokko irraa dhalatan. Har’as amantoonni walii isaaniif obboloota, dhiiga Kristoos Yesuusiin tokko ta’aniiru. Mallattoon amantootaa inni guddaan walii fi dhiisuu dha.
Haalli guyyaa kanatti amantoota Oromoo Osloo gidduutti raawwate hojii Waaqayyoo ofii isaa hojjete ta’uu isaaf ragaa kan biraa hin barbaachisu. Amantoonni wali-irratti kufuudhaan walitti boo’aa turan. Dhiifama hojiidhaan mul’atee ture. Kanaan booddee amantoonni Oromoo biyya Norway magaalaa Osloo keessa jiraatan bakka garaa garaa lamatti kan beekaman osoo hin taane tokko qofaa ta’uu isaani yemmuu labsan ilillee fi harka walitti rukuttaan godhame wali irraa utuu hin citin yeroo dheeraaf kan dhaga’ame ture.

"GOOFTAAN DUBBII GALAGALCHEERA!"