Dhagaa Yaadannoo
Baroota keessatti Waaqayyo hojii fayyisuu fi deebisanii ijaaruu hojjechuu yemmuu inni itti dhabe hin jiru. Har’as Waaqayyo ergaa inni ilmaan namaa hundaaf qabu akka isaan jireenya miidhamaa fi badiisaa keessaa deebi’anii jireenya dhugaa fi gammachuun keessa guuta jiraatani dha. Hundumaa caalaa ammoo ergaa misiraachoo inni karaa ilma isaatii erge namni fudhatee jireenya barabaraa akka inni jiraatu fedha isaa ti.
Waaqayyo hojii isaa isa dinqisiisaa kana jireenya namotaa keessatti iddoo garaa garaatti hojjecha jira. Waldaan Kiristiyaanaa Wangeelaa Oromoo Oslo amantoota Wangeelaa Oromoo hojii fayyisuu Waaqayyoo kana iddoo garaa garaatti fudhatan walitti dhufuudhaan bara 1997 hundeeffamte. Yeroodhaa gara yeroottis lubbuuwwan waldichatti dabalamaa addemaa jiru. Haa ta’u iyyuu malee hojii fayyisuu Waaqayyoo kana gufachiisuuf Seexanni boolla inni hin qotne, abidda inni hin qabsiisin hin jiru. Amantoota Oromoo magaalaa Oslo jiran diiguuf karaa inni yaalaa ture keessa tokko garaa-garummaa uumuu ture. Haaluma kanaan dubbii inni bara 2003 amantoota gidduutti facaase garaa namoota yeroo murtaa’eef gar-gar adeemsisee ture. Diinni egaa ni yaala malee hojii Waaqayyoo irratti takkaa iyyuu mo’icha argatee hin beeku. Kan inni itti bu’e saba Waaqayyootti waan ta’eef isa kana ammoo Waaqayyo akka waan agartuu ija isaatti bu’uu akka ta’e dubbii isaa keessatti mirkaneesseera. Mo’icah Waaqayo nuuf kenne kanaan amantoonni yeroo waggaa 3f addaan ba’anii turan gaafa April 22 waltii deebi’uudhaan tokkummaa isaanii deebisanii gammachuu guddaadhaan dhaabbataniiru. Hojii Waaqayyo hojjete kanaafis gaafa July 29, 2007 guyyaa galataa godhachuudhaan dhagaa yaadannoo dhaabaniiru.
Lolichi kan Waaqayyoo ti! Mo’ichis kan Waaqayyoo ti!