AYYAANNI GUYYAA DARGAGGOOTAA KABAJAME!

Sagantaan addaa garee dargaggootaa “abdii boriin” qophaa’e eebba guddaan xumurame!
Sagantaan addaa garee dargaggoota waldaa amantoota wangeelaa Oromoo osloon qophaa’e gaafa caamsaa 25,2008 eebba guddaadhaan xumurame.
Sagantichi dargaggoota waldattii “Abdii Borii” jedhamuun beekamaniin kan qophaa’e yennaa ta’u; kan eegameen olitti eebba hafuuraa guddaa kan fide ture. Saganticha irratti qophiilee garaa garaatu dhiyaate. Isaanis kan akka haasaa, walaloo, gaafii fi deebii, faarfanna fi diraamaa turan. Sagantichi haalli qindaa’ina isaatii amala waaqeffannaa aadaan qabnu irraa adda waan tureef, nama bashannansiisaa ergaa dubbii Waaqayyoo irraatti hundaa’e kan dabarse ture.
Xiyyeeffannaan sagantichaa haala dargaggootaa irratti kan hundaa’e yoo ta’e iyyuu handhuuraa fi xiyyeeffannaa dubbii Waaqaayyoo irrati kan hundaa’ee ergaa maatiif dabarsu waan tureef saganticha irratti kan hirmaatan hundaa kan ilaallatu ture.
Dargaggoonni sababa umurii isaanii irraa  kan ka’e wal’aansoofi qorumsa baay’een kan irra jiru ta’uun isaa beekamaa dha. Caalaadhuatti iyyuu ammo qaroominnii fi haalli jireenyaa biyya guddatan keessa jiru dubbii Waaqayyootti qabamanii akka isaan hin guddanneef gufuu guddaa dha. Haa ta’u iyyuu malee dargaggoota kana qophee isaan dhiyeessan irraa hubatamuun kan danda’amu Waaqayyo baroota keessatti haalaa fi iddootti utuu hin hundaa’in mootumaa isaatiif dhaloota akka inni kaafatu dha.
Dargaggoota akka kana fedhaa fi kennaa Waaqayyoon waaqessuu fi tajaajiluu qaban kana waldaan xiyyeeffannaa addaa itti laattee caalaatti akka isaan guddataniif jajjabeessuun kuufama kan bara egeree naqachuu isheef ogeessa ta’uu ishee mul’isa.
Sagantaan guyyichaa gara  vidioon qophaa’uutti waan jiruuf iddoo hundaatti ittiin dhima ba’uun bu’aa guddaa ni buusa.