LUBBUUWWAN MOOTUMMAA WAAQAYYOOTTI DABALAMAN

 

Ji'a ja'an darbaniif waldaa keenyaan kan kennamaa ture barnoota amantii cimsannaa fi qophii tajaajilaa hordofaa kan turan namootni lamaWaxabajjii 10, 2007 eebbifaman.

Barnoota amantii cimfannaa fi tajaajilaaf nama qohheessu kun isa marsaa sadaffaa si'a ta'u isa alanaa kana kessatti kan hirmaatan miseensota woldatti kan ta'an Aadde Saraa Gammachuu fi Obbo Daawwit Nagaasaa ti.

Aadde Saaraa Gammachuu yeroo dheeraaf biyya Arabaa keessa jiraachaa turanii kan isaan gara biyya Norway dhufan waggaa 3 dura ture. Biyya turan sanatti amantii Isilaamummaa fudhatanii hordofaa turan. Carraa Waaqayyo isaaniif baneen gara biyya kanaatti godaananii yeroo dhufanitti Wangeela Gooftaa keenyaa Yesuus Kristoos amananii jireenyi isaanii geeddarame. Kana duwwaa utuu hin ta’in yeroo dheeraaf dhukkuba isaan rakkisaa ture irraa illee fayyina argataniiru.

Obbo Daawwit Nagaasaa gara biyya Norway kan isaan dhufan waggaa tokkoo fi walakkaa dura yennaa ta’u sababii isaan dhufaniif barnoota olaanaa barachuuf ture. Barnoota isaanii barachaa utuu jiranii ture ergaan wangeelaa kan isaan qaqqabe. Isaanis gara Waldaa wangeelaa Oromoo Osloo dhufuudhaan jireenya isaanii Kristoosiif kennanii dhuunfaa fayyisaa isaanii godhatanii fudhatan. Barnoota isaanii irra utuu jiranii dhukkuba hamaa tokkoon qabamanii baay’ee dhiphachaa turan. Jabina dhukkubicha irraan kan ka’e barnoota isaanii iyyuu gar-gar kutuudhaan gara biyyaatti deebi’uuf murteessanii turan. Waa’ee isaaniif garuu waldaan kristiyaanaa guddiftee Waaqayyoon kadhachaa turte. Yeroo isaan itti karaa hundaa abdii kutatanii jiranitti garuu Waaqayyo isaan qaqqabatee akkuma tasaa fayyina argatan. Barnoota isaanittis deebi’anii qabxii olaanaadhaan xumuruu isaanii obbo Daawwit yennaa fuula waldaa dura dhaabbatanii ibsaa turan imimmaaniin ture. Jireenya isaanii keessatti kun dinqii Gooftaa ta’uu isaa hubachuudhaanis bara isaanii hundaa hojii Gooftaa kana dhugaa ba’aa akka jiraatan gammachuu guddaadhaan ibsan.

Waldaan kristaana wangeelaa oslo hanga amaatti marsaawwan sadiitiin barumsaa amantii cimfannaa fi kan tajaajilaaf nama qopheessun namoota 22 kan barsiifte si'a ta'u namootn kunis yeroo ammaatti tajaajila garagaraa waldaa kristaana kessatti bobba'anii akka jiran beekuun danda'ameera.

Waldaan Kristiyaanaa Wangeelaa Oromoo Oslo gaafa Waxabajjii 10, 2007 gammachuu isheen argatte keessaa kan biraa ammoo yeroo jalqabaaf sirna sagada waldattii irratti mucaan tokko cuubamuu ishee ti. Mucattiinis Ejersee Asfawasan jedhamti. Waldaan wangeelaa Oromoo Osloo yeroo ammaa kanatti ijoolleedhaan hedduu eebbifamaa jirti. Tajaajilli ijoolleedhaaf kennamus kan duraa irra caalaa tajaajila waldattiin kennuutti jirtu keessaa xiyyeeffannaa guddaa gaafachaa jira.