ERGAA PHEEXIROS ISA JALQABAA

KUTAA LAMMAFFAA

 

Eenymmaa yookaan maalummaa waan tokkoo beekuun gatii fi akeeka waanti sun qabu beekuuf baay’isee nama gargaara. Eenyummaa ofii beekuun illee akkuma kana. Eenyummaa ofii namni beekuu danda’ee jennaan waan hojjechuun isa irra jiraatu sirriitti hojjechuuf isa ni gargaara. Eenyummaa ofii wallaaluunis akkuma sana sirriitti akka namni dhimma hin baafne nama gochuu ni danda’a. Ergamichi Pheexiroos egaa ergaa isaa warra fudhataniif utuu tokko-tokkoon hin tarreessin dura eenyummaa mataa isaa, kan Waaqayyoo fi amantootaa ibsa.

 

Inni kun har’uma iyyuu taanaan safara ergaa, lallaba, barreeffama kitaabolee hafuuraa fi walumaa galatti tajaajila waldaan Kristiyaanaa laattuu ta’uun ni barbaachisa. Handhuurrii fi xiyyeeffannaan tajaajila keenyaa ergaa fayyinaa Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu dabarsuu irratti kan hundaa’ee fi akeekkate ta’uun ni barbaachisa.

Baroota keessatti namoonni akka dhuunfaatti waldaan Kristiyaanaa illee utuu hin hafin dubbii kanaan qoramaniiru. Baay’een ka’anii baroota keessatti dubbii Waaqayyoo fakkeessuudhaan fedhaa fi ergaa mataa isaanii dabarfachuu yaalaniiru, dabarfataniirus. Har’as waan Waaqayyo hin jedhin akka waan inni jedheetti yaaduma namootaatiin wal-fudhachiisuuf jecha akka ergaatti kan namootatti himan hedduutu jiru. Kaan ammoo ergaa Macaaf Qulqulluu jal’isuudhaan hundee fi barsiisa sobaa kaa’uudhaan namoota hedduu karaa irraa illee kaachisaniiru. Bara nuti jiraannu kana keessa keessumaa biyyoota guddanneera jedhan keessatti kan calaqisu isa kana. Waldoonni Kristiyaanaa duwwaatti hafaa jiru, namoonni ergaa Macaafa Qulqulluu dhaga’uu irraa gurra isaanii deeffatanii jiru. Kun akkamitti ta’e, eessaa ammoo burqe jennee yoo qorannee ilaalle baroota keessatti nuti beektota jedhanii ogummaa namootaatti hiikkaa isaan Macaaf Qulqulluudhaaf kennan akka erga Waaqayyootti fudhachuun ergaa Waaqayyoo salphisanii ilaaluu irraa dhufe.

Waa’ee seenaa namoota waaqayyoo fi saba Waaqayyoo yoo ilaalle seenaa Waaqayyoof adeemuu ti. Abrahaam yemmuu waamame akka adeemuuf isa abboome. Yemmuu adeemus ofii isaaf mataadhuma isaaf akka jiraatuuf utuu hin ta’in Waaqayyo bakka inni deemu hundatti akka isaan mul’atuuf ture. Abrahaam garuu yaada Waaqayyo isa waameef adeemu irra yaada mataa isaaf adeemuu irratti yeroo dheeraa dabarse.

Sabni Israa’el biyya Gibxii yemmuu baafaman gara yaada Waaqayyo isaaniif qabuutti akka galaniif ture. Seera ba’uu jechuun ofiidhuma isaatiif kan mul’isu kana ture. Kaayyoon Waaqayyo isaanirratti qabu tures biyya abdii sanatti galuudhaan jireenya dubbii Waaqayyootiin qabame jiraachuudhaan naannoo isaaniitti ulfina Waaqayyoo akka mul’isaniif ture. Isaan garuu kaayyoo kana bakkaan ga’uu irra yaada mataa isaaniitti qabamuudhaan ollaa isaanii fakkaatanii buluuf waan yaalaniif kiyyoo ofitti ta’an

Waldaan kristiyaanaas saba fayyee yaada Waaqayyoof waamame dha. Afaan warra Griikiitiin waldaa kristiyaanaa jechuun ‘eklesia’ jechuu yemmuu ta’u ‘ek’ jechuun ‘ba’uu’ yemmuu ta’u ‘laaos’ jechuun ammoo ‘saba’ jechuu dha. Walitti jechoon kun lachan kan isaan ibsan ‘saba ba’e’ jechuu dha. Saba yaada Waaqayyoo mul’isuuf waamame jechuu dha. Waldaan hojiin ishee inni guddaan biyya lafaa kana keessatti yaada Waaqayyoo mul’isuu dha. Saba ergaa hojii fayyisuu karaa Yesuus Kristoos mul’ate labsuuf waamame dha.

Egaa barreeffama kana yemmuu dubbifnu gaaffii nuti of gaafachuu mallu waan lama keessaa tokko ta’uu ni mala. Tokkoffaa: ‘Ergaan Waaqayyoo kun na ga’eeraa naan? Dhaga’ee deebii itti laadheeraa? Lammaffaa ammoo ergaan kun naga’eera yoo ta’e ‘Ergaa kana dabarsaan jiraa? Isa jedhu ta’a.

(Nadeebisi gara kutaa qorannoo MQ ti)