ERGAA PHEEXIROS ISA JALQABAA

KUTAA SADAFFAA

Sadan Tokkummaa (1Phex.1:1-3)

Qorannoo macaafa kanaa kuta lammaffaa keessatti waa’ee ’eenyummaa’ /identity/ ilaaluu jalqabnee turre. 1Phex. 1:1-3 keessatti waa’ee eenyummaa wantoota sadiitu caqsamee jira. Inni jalqabaa waa’ee ergamicha Phexros, inni lammaffaan waa’ee eenyummaa Waaqayyoo yemmuu ta’u inni sadaffaan waa’ee eenyummaa amantootaa ti. Eenyummaa waan tokkoo beekuun akeekaa fi hojii waan sanaa beekuuf nama gargaara. Eenyummaa waan tokkoo wallaaluun waan sana dalga itti fayyadamuutti/misuse/ nama geessa. Phexos utuu ergaa isaa keessa hin seenin waa’ee eenyummaa isaatii sirritti hubatee hubachiise. Inni nama ergaa addaatiif waamamee Yesuus Kristoosiin ergame ture. Ergaa dhugaa nama qabuuf abbaa ergichaa isa ta’e Waaqayyoon bakka bu’ee nama dubbatu ture.

Kutaa keenya kana keessatti waa’ee eenyummaa Waaqayyoo ilaalla. Pheexroos waa’ee eenyummaa isaatii akka ergamaa Waaqayyoo ta’e erga beeksisee booda waa’ee isa isa ergee, Waaqayyoo ammoo ibsa. Namni waa’ee eenyummaa Waaqayyoo beekuun jireenya inni Waaqayyoo wajjin qabuu fi adeemuuf baay’ee murteessaa dha. Namni eenyummaa Waaqayyoo sirriitti hin beeku taanaan hubannaa dalgaa qabaachuu irra iyyuu darbee jireenya milkii hin qabne kan jiraatu ta’a. Eenyummaa Waaqayyoo namni hubachuu kan inni danda’u karaa inni ittiin ofii isaa of mul’iseen qofaa dha. Inni immoo kan inni of mul’ise karaa Macaafa Qulqulluu ti. Kutaawwan baay’ee Macaafa Qulqulluu keessaa waa’ee eenyummaa Waaqayyoo ibsan keessaa 1Phe.1:1-3 tokko dha.

Kutaa kana (1Phex.1:1-3) keessatti, waa’ee eenyummaa mataa isaatii erga ibsee booda waa’ee eenyummaa Waaqayyo isaatii ibsa. Waaqayyo kun kutaa kana keessatti ’Sadan tokkummaadhaan ibsameera. Waaqayyo Abbaan, Waaqayyo Ilmii fi Waaqayyo Hafuurri Qulqulluun’ caqasameera. ” Isin akka akeeka Waaqayyo abbaaatti, Yesuus Kristoosiif abboomamuuf, dhiiga isaatinis qulleffamuuf, hafuura qulqulluudhaan qulqulleeffamtanii fo’amtaniittu.” 1Phe. 1:2

Sadan tokkummaan hundee amantii Kristaanummaa ti. Sadan tokkummaan barsiisa Macaafa Qulqulluuti malee falaasama namootaa miti. (Math. 28:16-20, Uma. 1:26, 2Qor.13:14, Tit.3:3-8, Yhu.Lak.20-21, Yoh.14:9-28). Sadan tokkummaan dhoksaa guddaa amantiin Kristaanummaa irratti hundaa’e dha. Sadan tokkummaa hubachuun cimaa fi salphaatti kan namaaf hin galle yoo ta’e iyyuu karaa ittiin Waaqayyo of-mul’ise dha. Namni Tertuulian jedhamu yeroo jalqabaaf jecha ’sadan tokkummaa’ (Trinity) jedhu kan itti dhimma ba’e dha. Namni kun waa’ee dhoksaa dubbii kanaa yemmuu dubbatu; ”Ani yemmuun gara Waaqayyoo dhaqu gaaffiin koo inni jalqabaa waa’ee sadan tokkummaa kana Waaqayyo akka naaf ibsu gaafachuu dha.” jedheera. Barsiiftonni sobaa hedduun baroota keessa hubannaa sadan-tokkummaa kana dhugaa isaa jal’isuu yookaan salphisuudhaan kan uumaman ture.

Iyyesuus Kristoos erga du’aa kaa’ee booda ergaa misiraachoo ilmaan namaa hundaaf maqaa sadan-tokkummaatiin akkuma erge (Math.28:16-20), Pheexroosis ergaa isaa akkuma kana maqaa kanaan erga.

Akkuma garratti ilaaluu yaalle sadan tokkummaa beekuun hundee amantii kiristaanumma ti. Waaqayyo hojii fayyisuu isaa maqaa inni ittiin mul’ise waan ta’eef hubannaa sirrii kana irratti qabaachuun jireenya Kiristaanummaa nuti jiraannuufis ta’e ergaa amantii Kiristaanaa dabarsinuuf murteessaa dha.

 

(Nadeebisi gara kutaa qorannoo MQ ti)