ERGAA PHEEXIROS ISA JALQABAA

KUTAA ARFAFFAA

 

Eenyummaa Amantootaa.

Qorannoo ergaa Pheexroos isa jalqabaa irratti adeemsisaa jirru keessatti yeroo darbe waa’ee eenyummaa Waaqayyoo ilaallee turre. Har’a ammoo waa’ee eenyummaa amantootaa akkaataa kutaa 1Phex.1:1-3 jiru keessatti ni ilaalla.

Akkuman yeroo darbe addeessuu yaale, enyummaa waan tokkoo beekuun baay’ee barbaachisaa dha. Waan tokko maalummaan isaa hin beekamu taanaan faydaas ta’e miidhaa isaa beekuun nama rakkisa. Kanaaf waa’ee maalummaa/eenyummaa waan tokkoo beekuun baay’ee barbaachisaa dha. 1Phex. 1:1-3 keessatti ergamichi waa’ee eenyummaa mataa isaatii akka ergamaa Gooftaatti, waa’ee eenyummaa Waaqayyoo ammoo sadan tokkummaadhaan ibsa. Erga isa kan ibsee booda ammoo waa’ee warra ergaa sana fudhatanii, waa’ee eenyummaa amantootaa ammoo ibsa. Amantoonni eenyummaan isaanii kutaa kana keessatti haala afuriin ibsameera. Isaanis.

Amantoonni eenyumma keenya haala ibsa kutaa kana keessatti argineen of ilaaluun baay’ee barbaachisaa dha. Eenyummaan keenya inni sirriin isa nuti ofii keenyaa yaadnee, miirri keenya nutti himu yookaan isa namni kan biraan nuun jedhu utuu hin ta’in isa Waaqayyo dubbii isaa keessatti waa’ee keenya dubbate dha.

 

Kutaa keenya itti haanu 1Phex.1:4-9 keessatti waa’ee “ Kennaa ayyaanaa ” fudhannee dhiyaanna.

 

Gara qormaata MQ kutaa kanaaf qophaa'etti nadabarsi