ERGAA PHEEXIROS ISA JALQABAA
Kutaa 5ffaa
Kennaa Ayyaana Waaqayyoo (1Phex.1:4-12)
Qorannoo macaafa kanaa kuta afuraffaa keessatti waa’ee eenyummaa amantootaa ilaaluun keenya ni yaadatama. Walumaa galatti ergaan Pheexroos isa jalqabaa kana keessaa kutaan inni jalqabaa kan inni hundaa’u 1Phex. 1:1-3 yennaa ta’u innis kutaa Pheexroos keessatti nagaa dhiyeesse ture. Nagaa isaa keessatti waa’ee eenyummaa mataa isaatii, waa’ee eenyummaa Waaqayyoo fi waa’ee eenyummaa amantootaa gabaabaatti ibsee ture.
Nagaa isaatti haansuudhaan ergamichi ijoo dubbii jireenya amanaa tokkoo keessatti beekuun hedduu barbaachisu tokko kaasee ibsa. Innis waa’ee kennaa ayyaana Waaqayyoo ti. (1Phex.1:4-12). Waa’een ayyaana Waaqayyoo handhuura barsiisa kakuu haaraa ti. Kakuu haaraan kan inni hundaa’ee ayyaana irratti dha. Ayyaana (grace) jechuun afaan warra Griikiitiin ’karis’ kan jedhu irraa kan dhufe yennaa ta’u hiikni isaa ’tola’ jechuu dha. Waaqayyo ilmaan namootaa hunda gara fayyinaatti kan inni waamu baasii tokko malee tola akka isaan dhufanii fudhataniifi. Fayyinni karaa Yesuus Kristoos dhufe kan inni argamuu danda’u tola ayyaana isaa irraa kan ka’e qofaa dha. (Efe. 2:8 ”Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan, inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee gochaa ofii keessanii miti.” Namni ani Yesuus Kristoositti amanee fayyeera jedhu hundi waa’ee dhoksaa ayyana Waaqayyoo kana beekuutu isaaf ta’a. Bara waldaan Kristiyaanaa hundee amantii Kristiyaanaa kana irraa kaattee waa’ee fayyina namootaa waan kan biraa irratti hundeessuuf yaalte keessa namni Martin Luther jedhamu ka’ee dhaadannoo ’sola gratia’ ykn ’ayyaana qofaa’ jedhu dhageessisuudhaan haaromiinsa jaarraa 16 keessa fide. Har’as barsiifni kam illee fayyina keenya hundee kana irraa kaachisee waan biraa irratti hundeessuu kan yaalu hunda dubbii Waaqayyootiin dura dhaabbachuu fi ifachuutu nuuf ta’a. Fayyini ayyaanaan tola nuuf kenname yennaa jennu garuu fayyinni tola dhufe jechuu keenya miti. Fayyinni karaa wangeelaa ilmaan namootaatiif dhufe gatii guddaatu itti ba’e. Innis Yesuus Kristoos fannoo irratti du’uudhaan gatii cubbuu baasee fayyina kana fide.
Ergamichi Pheexroos egaa waa’ee kennaa ayyaana Waaqayyoo kana kaasuudhaan; amantootaaf karaa ayyaana kanaa kennaa kennamee tokko tokkoon kaasee Waaqayyoon galateeffata. Innis:
- Lammaffaa dhalachuu: Karaa ayyaana Waaqayyoo kana amantotaaf waan kenname keessaa tokko lammaffaa dhalachuu dha. ”Haaraa godhee nu dhalchisiiseera” Lak.4. Waa’een haaraa dhalachuu kun Macaafa Qulqulluu kakuu haaraa keessatti jechoota adda addaatiin ibsameera. (Olii dhalachuu, lammaffaa dhalachuu, hafuurattii dhalachuu, ..fi kkf). Jechoonni kun walii galatti kan isaan ibsan jireenya haaraa nuti Kiristoos Yesuusitti amanuu keenyaan arganne dha. Namni dhalootaan jalqaba abbaa fi haadha isaa irraa fooniin dhalata. Namni gaafa Yesuus Kiristoosiin amanee fudhatu ammaoo hafuuraa isa irraa lammaffaa dhalata. Kun egaa dhoksaa guddaa kan ofi keessa qabu waan ta’eef namni hubachuu kan inni danda’u hafuura qulqulluu qofaadhaan. (Yoh.3).
- Abdii hin banne argachuu: Karaa ayyaana Waaqayyoo amantootaaf kan kenname keessaa inni lammaffaan abdii hin badne dha. ”Abdii isa jiraataa” Lak.4-5. Abdiin waan gara fuula duraatti abdatanii fi eeggatani dha. Dhuma jireenya keenyaa ti. Abdii jiraataa kan jedhu kun ’dhaala’ Waaqayyo warra isa amananii lammaffaa dhalataniif qopheessee dha. Dhaalli kennaa ykn badhaadhummaa Waaqayyoo hirmaachuu agarsiisa. Dhaalli xumura mo’ichaa ti. Macaafa kakuu haaraa keessaa caalaati waa’ee bara dhumaa fi dhaala qulqullootaaf qophaa’ee mul’ata Yohaannis keessatti ni dubbifanna. Inni xumura barootaa fi dhaala qulqullootaaf qophaa’etti quba qabee agarsiisuudhaan abdii amantootaa addeessa. Har’a nuti akka amantootaatti waa’ee isa eebbifamaa ta’e abdii keenyaa kana yaaduu danda’uutu nuuf ta’a. Abdii keenya kanaan jajjabina ni arganna.
- Amantii qoramaa: Sababa Phexroos itti galateeffatu keessaa kan biraa ayyaan Waaqayyoo irraa kan ka’e amantoonni amantii qoramee ilaalame qabaachuu isaanii ti. ”Amantiin keessan . . . qoramee in ilaalama.” Lak.7. Ayyaanni Waaqayyoo qorumsa amantii keessatti humna namaaf kenna. Amantii qabaachuu fi amantii qoramee ilaalme qabaachuun gara gara dha. Jireenya qulqullootaa keessatti kan nuti arginu isa kena. Waaqayyoon amanuu isaaniitti gidiraa keessa darban. Ibrota 11 guutummaatti yoo dubbifanne waa’ee seenaa abboota amantii fi gatii isaan amantii isaaniif baasan ni agarsiisa. Inni kun egaa har’uma iyyuu nuuf waan itti yaadu qabnu dha. Saba amantii keenyaaf waan inni nurraa barbaadu baasuuf hangam qophoofneerra? Ergamichi fakkeenya inni itti waa’ee ba’u keessaa tokko ’warqee’ dha. Warqeen akkuma abidda keessa darbee warqummaan isaa beekamu akkuma kana amantiin waan akka abiddaa keessa ba’ee amantummaan isaa ilaalama. Amantoonni Pheexroos ergaa isaa barreesseef bilchina isaanii kan isaan ittiin mul’isan qorumsa isaanitti dhufe keessatti akkaataa isaan itti mul’ataniin ture. Isaan: 1. Isa in jaallatan. 2. Isa amanatan 3. Isatti hin gammadan. Yemmuu qoraman isa irraa baqatan miti, Isa irratti ka’an miti, isa irratti guunguman miti. Isa arrabsan miti. Isa ganan miti. Garuu isaan isa jaallatan! Isa amanatan! Isatti gammadan.
- Ayyaana dhuga ba’umsa guddaa qabu argatan: Lak.10-12. Waa’een kennaa ayyaan Waaqayyoo amantoota kanaaf hiramee guddinnii fi ulfinni isaa yemmuu ilaalamu tilmaamaa ol ture. Biyya lafaa kana irratti waan tokko baay’ee barbaachisaa ykn beekamaa yoo ta’a meeshaa wal-quunnamtii maraan hanga danda’ame ni odeeffama. Fakkeenyaaf biyya nuti jiraannu kana keessatti waggaa waggaatti kan namootaaf kennamu badhaafni nagaa bakka oduu guddaa argata. Namoonni sun illee bakka hundaatti ni faarsamu. Ergamichi waa’ee guddina ayyaana Waaqayyoo amantootaaf kenname kanaa yemmuu ibsu gabaasa guddaa akka inni argate, oduu guddaa akka inni ta’e dubbata. Raajotaan, Hafuura Waaqayyootiin, warra Wangeela lallabaniin, Ergamoota waaqa irraatiin illee utuu hin hafin labsan. Kanaafis egaa ergaan fayyinaa kun ’sagalee misiraachoo’ kan inni ta’eef. Yesuus waa’ee sagalee misiraachoo kana sagalee isaa ol fudhatee ibse. Ergaa guddaa kanas biyya lafaatti erge. Ayyaanni nuuf kenname hedduu guddaa dha.
Har’a waa’een dhoksaa ayyaan Waaqayyoo kun hangam nuuf gale. Inni hundee fayyina keenaa ti. Isaan lammaffaa dhalanne, kennaa kanaan abdii dhaala jireenya bara-baraa arganne. Kennaa ayyaana kanaatiin humna qorumsaa moonee darbina. Ayyaanni nuuf kenname kun iddoo guddaa qaba.