Waldaan Mishinerota gara biyyaa adeeman gaggeessite!

Waldaan kristaanaa warra wangeelaa Oromoo olso hojii wangeelaatiif mishinerota ta'anii gara biyyaatti kan ergaman H/W Solomon Yohanisi fi H/W Nora Dub Dybdalf gaafa 15.08.2010 gaggeessaa goote.

Abbaa manaa fi haadhamanaa kan ta'an hojjettotni wangeelaa kun waggootii saddettan darbaniif yeroo waldaan keenya isaan wamte hundatti argamuudhaan sagalee waaqayyootiin tajaajila kennaa turaniiru. WKWOO tajaajila isaanii kanaaf guddaa kan galateeffate si'a ta'u kadhannaadhaniis yeroo hundaa akka bira dhaabbattus waadaa galteetti.

Hojii mishiiniitiif tajaajiltoota kana daa'imman isaanii lamaanii, Moses (5) fi Darara (2) wajjin kan biyyatti ergu waldaa kristaanaa biyya Norway (Norsk Luthersk Misjonsamdand)si'a ta'u walumaagalatti waggootii sadan dhufaniif biyya keenya keessatti hojii wangeelaa akka hojjetan beekuun danda'ameera.