
Barumsa amantii cimsannaa marsaa 5ffaa Raawwate!
Barnoota amantii cimsannaa fi kan tajaajilaaf nama qopheessu ji’a afuriif erga baratanii boodaa December 21, 2008 namni 1 eebbifameera. Leenjii isa alanaa kanaan barnoota amantii cimfannaa isanii baratanii waraqaa ragaa fudhachuu dhaan kan eebbifaman adde Lalisee Fiqaaduu Deesisaa si'a ta'an isanis waraqaa ragaa prezidentii waoldattii obbo Mulu Bokaa harkaa fudhataniiru.
Waldaan Kristiyaanaa amantoota wangeelaa Oromoo Osloo yeroo dhaa gara yerootti amantoota haaraa fi kanaan dura sababa garaa garaa irraa kan ka’e barumsa amantii cifannaa barachuuf carraa hinargatiin barsiiftee tajaajila waldaa Kiristiyaanaa irratti kan bobbaastu ta'un isaa bekamadha. Hanga ammatis barumsi walfakkaataan marsaa 5f kan kenname sia tau kun gara funduraattis akka ittifufu beekuun danda'ameera.
Waldaa Kristiyaanaa Oromoo Oslo