Barumsa amantii cimsannaa marsaa 6ffaan Kenname!

Barnoota amantii cimsannaa fi kan tajaajilaaf nama qopheessu ji’a 6 oliif barataa kan turan dargaggootni ja'a October 11. 2009 eebbifamaniiru. Leenjii isa alanaa kanaan barnoota amantii cimfannaa isanii baratanii waraqaa ragaa fudhachuu dhaan kan eebbifaman Amanuel Fiqaaduu, Sidisee Daaniel, Yerusaalem Yonas, Hana Yonas, Caaltuu Yonas fi Hawwii Yonas si'a ta'an isanis waraqaa ragaa qindeessaa waoldattii obbo Yonas Hambisaa harkaa fudhataniiru.
Waldaan Kristiyaanaa amantoota wangeelaa Oromoo Osloo yeroo dhaa gara yerootti amantoota haaraa fi kanaan dura sababa garaa garaa irraa kan ka’e barumsa amantii cifannaa barachuuf carraa hinargatiin barsiiftee tajaajila waldaa Kiristiyaanaa irratti kan bobbaastu ta'un isaa bekamadha. Hanga ammatis barumsi walfakkaataan marsaa 6f kan kenname sia tau kun gara funduraattis akka ittifufu beekuun danda'ameera.
Waldaa Kristiyaanaa Oromoo Oslo