Barumsa amantii cimsannaa marsaa 7ffaan xumurame!

Barnoota amantii cimsannaa fi kan tajaajilaaf nama qopheessu ji'otaaf kan hordofan amantootni 2 June 26.2011 eebbifamaniiru. Leenjii isa alanaa kanaan barnoota amantii cimfannaa isanii baratanii waraqaa ragaa fudhachuu dhaan kan eebbifaman Obbo Badhaasaa Abdiisaa fi Durbee Adii Waaqoo si'a ta'an isanis waraqaa ragaa qindeessaa waoldattii obbo Yonas Hambisaa harkaa fudhataniiru.

Waldaan Kristiyaanaa amantoota wangeelaa Oromoo Osloo yeroo dhaa gara yerootti amantoota haaraa fi kanaan dura sababa garaa garaa irraa kan ka’e barumsa amantii cifannaa barachuuf carraa hinargatiin barsiiftee tajaajila waldaa Kiristiyaanaa irratti kan bobbaastu ta'un isaa bekamadha. Hanga ammatis barumsi walfakkaataan isa alanaa dabalatee marsaa 7f kan kenname sia tau kun gara funduraattis akka ittifufu beekuun danda'ameera.

Waldaa Kristiyaanaa Oromoo Oslo