Konfraasnsiin guyyaa du’aa ka’uu Gooftaa Iyyesuus sababeeffachuudhaan gaggeeffamaa ture xumurame

Konfiraansiin hafuuraa guyyaa du’aa ka’uu Gooftaa Iyyesuusiin sababeeffachuudhaan Waldaa Wangeelaa Oromoo Oslootti guyyaa sadiif gaggeeffamaa ture xumurame.

Kofiransii  Caamsaa 2 bara 2010 eegalee haala ho’aadhaan guyyoota 3f gaggeeffamaa ture  kana irratti hafeeramanii kan tajaajilan biyya Jarman Magaalaa Frankfart kan jiraatan Abbaa Wangeelaa Margaa Nagariiti. Isaanis sagalee Waaqayyoo Wangeela Yohaannis 12:27-36 irratti jecha Iyyesuus Kristoos yeroo gara fannootti adeemaa ture kan inni dubbate irratti hundaa’uudhaan  kennaa turan kana keessatti dhiphinni Gooftaan Iyyesuus fannoo irratti dhiphate dhiphina sirrii ta’uunsaa kiristiyaanota maraaf sirriitti galuu akka qabu dubbatanii, kunis jaalalli inni nuuf qabu hangam guddaa akka ta’e nu hubachiisa jedhaniiru. 

 Utuu Gooftaan Iyyasuus namoota  tajaajilaa jiru jechootni Waaqarraa  kallattiidhaan al sadii dhufuusaa wangeelli kan mirkaneessu ta’uu kan dubbatan A/W Margaa, kanneen keessaa inni tokko Wangeela Yohaannis 12:28 irratti kan argamu”...Raawwadhee ulfeessee, guddiseera; si’achas nan ulfeessa , nan guddisas !” kan jedhu kan yeroo Gooftaan Iyyasuus fannoo irratti dhiphataa turetti kan dhufe akka ture dubbataniiru. Sagaleen sun carraan fayyinaa namoota ayyaana soomii hiikaa kabajachuudhaaf bakka sanatti argaman akka hin dabarreef akka ta’es Gooftaan Iyyasuus dubbachuusaa himaniiru.

Fannifamuun isaa yommuu dhihaatetti dubbii Iyyasuus Kiristoos dubbate keessaa Wangeeluma Yohaannis lakkoofsa 32 irratti kan argamu ” Ani yommuun lafa irraa ol kaafamu, nama hundumaa ofitti nan harkisa” jechuun dubbate, fannoo irratti wayita ba’e nuti akka fayyinuuf jecha rakkina, dhiphinaafi gidiraa keenya  hundumaa fudhatee ol ba’uusaa sagaleen waaqayyoo indubbata. 

ani yommuun ol kaafamu nama hundumaan ofitti harkisa

Karaa Waaqayyoo ofitti nama harkisu keessaa isa guddaan kan ta’e araarri tokko ta’uu sagalee Waaqayyoo Gara warra Roomaa 11:32-36 akkasumas Seera Ba’uu 34:6-7 wajjiin walqabssiisuudhaan  kan dubbatan H/W Margaan,  araarri Waaqayyoo karaa fannifamuu Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin raawates har’a waldootii kiristiyaanaafi jireenya kiristiyaanotaa keessatti dinqii guddaa hojjechaa jiraachh dubbataniiru. Abbaan Wangeelaa kun  araarri Waaqayyoo kan hin qabatamne/abstract/ akka hin taane himaniiru. Dhukkuba qoricha hin qabne kan akka HIV/AIDS fi kaanserii  irraa fayyuun gochaan araarri isaa jireenya dhala namaa keessatti hojjetu kan mul’atu ta’uusaa eeraniiru. 

 Jireenyii fi tajaajilli kiristiyaanotaas karaa Waaqayyoo namoota ofitti harkisu keessaa isa olaanaa waan ta’eef, Kiristiyaanonni jireenya jiraataniin fakkeenya gaarii ta’uudhaan, Waldaan Kiritiyaanaas bakka araarri Waaqayyoo keessaa burqu taatee socho’uudhaan  namoota hin fayyine gara fayyinaatti harkisuu qabu A/W Margaa dubbataniiru. Ergaan Wangeelaa, dhiifamni cubbuu fi jaalallis karaawwan Waaqayyo dhala namaa ofitti harkisu keessaa kanneen eeramaniidha.

H/W Margaa dhuma konfiransii kanaa irratti amantootni Waldaa Oromo Oslo konfiransii Walii galaa kan Waldootii Oromoo Awurooppaa yeroo jalqabaatiif magaalaa Firakkfartitti Ebla 13 hanga 16 bara 2010 gaggeeffamu irratti akka argaman hafeeraniiru.

Konfiransii hafuuraa amantootni waldattiifi keessummoonni hafeeraman irratti argaman kana irratti  kadhannaan, waaqeffannaan akkasumas  faarfannaan eebbi Waaqayyoo guddaan keessatti mul’ate gaggeeffameera.