Gaafa 15 - 17.08.2008 magaalaa oslo waldaa Kristaanaa warra Wangeelaa Oromo Oslo tiin kan qophaa'e barumsi sagalee Waaqayyoo dargaggootaa fi maatii isaanii irratti xiyyeeffate eebba guddaadhaan xumurameera. Hojjetaa wangeelaa Eebbasaa Brihanuu tiin kan kenname barumsi kun dhoksaa gurguddaa dinni bara kana keessa ittifayyadamee dargaggoota ittiin gowomsaa jiru saxil baaseeraa. Wantoota akka intarneetaa, vidiyoo - geemii fi muuziqaa ti fayyadamuudhaan diinni attamitti akka dargaggoota miidhaa jiru irratti barumsi gadi fagoon qorannaa irratti hundaa'e kennamuu isaa irra iyyuu kana irratti dammaquu dhaan meeshaa lolaa isa ta'e sagalee Waaqayyoo qabatanii diina mo'uun barbaachisaa akka ta'e gorsi kennameera. Daa'immanii fi dargaggootni sagalee waaqayyootiin sirriitti akka guddataniif ga'een maatii guddaa ta'uun isaa kan himame barumsa kana irratti ergaa bara kana keessa Waaqayyo maatiif qabu ifa ta'eera.

Guutummaan barumsa kana audeo tiin dhihaateera.

 

Waldaa Kristiyaanaa Oromoo Oslo