GAA'ILLI KENNAA WAAQAYYOO TI

Hara bara nuti jiraannu kana keessa jeequmsa jireenyaa /life crisis/ ilmaan namaa irra ga’aa jiru keessaa tokko jireenya gaa’elaa ti. Namoonni hedduun ilaalchaa isaan gaa’ela irratti qabanii fi hiikkaa isaan gaa’elaaf kennan kaayyoo hundeeffama gaa’elaa irraa waan kaachaa adeemeef yeroo kam caalaa balaa guddaan karaa kanaa qaqqabaa jira.

 Gaa’ela diiguun, nagaa fi gammachuu kan hin qabne jireenya gaa’elaa keessa jiraachuun akkuma waan salphaa tokkotti bara inni itti ilaalmaa jiru keessa jiraachaa jirra. Baay’een keessa ba’anii iyyuu gaa’elli hin barbaachisu jedhanii ifatti dubbatu. Gaa’ela dhaabbatanii; maatii horanii, adaaa fi kabaja arguun akka waan gowwummaatti illee ilaalamuutti ka’eera. jirra. Bara kana keessa ijoollee mi’aa abbaa fi haadhaa argitee guddattu caalaa ijoollee warra wal hiikan gidduutti guddatantu lakkoofsaan caalaa jjira. Kun akka kanaatti yoo itti fufe balaan karaa kanaa qaqqabu kan jireenya dhuunfaa namootaa qofa utuu hin taane jireenya maatii, kan sabaa, biyyaa fi addunyaa kanaa kan gaaga’u ta’uun isaa ifaa dha.

Har’a furmaata maatii kan ta’u fi filannoo kan biraa kan hin qabne kaayyoo gaa’elaaf uumameef kaayyoo gaa’elli uumameef sirriitti beekuuf gara isaatti deebi’uu qofaa dha. Gaa’elli maaliif akka uumame kan nutti himan qorattoota hawaasaa, beektota Saa’ikolojii, hayyoota siyaasaa yookaan beektota saay’insii miti. Warri kun karaa isaanii waan isaanitti fakkaate gorsa nuuf gumaachuu ni danda’u ta’a. Furmaata rakkoo gaa’eelaa utuu beekanii namaaf hiikuu danda’aniiru ta’ee meeqa fuudhanii meeqa hin hikan turan. Gaa’elli dhaabbata biyya lafaa kanaa kan namni itti dadhabee qoratee falaasamaan hundeesse waan hin taaneef qorichi isaas falaasamaan kan argamu miti.

Qorichi gaa’elaa kan inni jiru isaa gaa’elicha hundeesse, hoomishe, hojjete, dhaabe fi akeeke harka jira. Inni ammoo gaa’ela maaliif akka uumee fi dhaabe akkuma nama meeshaa namni itti waa’ee ba’u tokko hojjetee hiikkaa tajaajila mi’a sanaa kan qabate barreffama wajjin erguu, Macaafa Qulqulluu keessatti ibsee nuuf barreesseera. Waaqayyo yemmuu nama uume jireenya isaa wajjin jiraachuutti haansee gaa’ela kennaa godhee ilamaan naamaaf kenneef. Kanaafis namni Abbaasaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaaa isaattis ni maxxana. Isaanis tokko ni ta’u” jechuudhaan dhoksaa gad-fagoo tokkummaa gaa’ela keessa jiru ibsa. “Kan waan Waaqayyo walitti qabsiise namni gar-gar hin baasin.” Mar. 10:6-9 Egaa waan nuti asi keessaa hubannu waanti guddaan tokko, Waaqayyoo warri gaa’ela dhaabbatanii waliin jiraatan tokkummaan isaanii dhaabbataa fi eebbaan kan guute akka ta’u kaayoo isaa yemmuu ta’u hojiin namaa garuu dhoksaa kana hin hubanne taanaan walittii gar-gar baasuuf dhama’uu isaa ti. Waan Waaqayyo walitti maxxanse namni gar-gar hin baasin.

Egaa haala akka kanaa keessa utuu jirruu namoota dhoksaan kun galeefii gaa’ela dhaabbatan arguun waan hundumaa caalaa nama gammachiisa.

Gaa’la eebbaa fi kan gammachuu isiniif haa ta’u!

Desalegn Yonas & Meqdas Tashoma

Amartii & Gammachis

dereje & Lalise

meti & damara

 

 

 

 

Gaafa September 8 cidha gaa’ela isaanii waldaa keenya keessati kan raawwatatan oboleettii keenya Iftuu Addaamuu fi obboleessa keenya Iyaasuu Kabaa, baga gammaddan, baga Waaqayyo eebbaguddaa kanaan isin ga’e, isaaniin jenna.

Waxabajjii 2, 2007 magaalaa Osloo waldaa Wangeelaa Oromoo Osloootti gaa’ela isaanii kan dhaabbatan Aadde Itiyaanee Goshuu fi Obbo Asfawu Tesemmaa, baga gammaddan, baga Waaqayyo gammachuu guddaa kanaan isin ga’e ittiin jechaa;

gaa’elli akka dubbii Waaqayyootti dhaabbate kun guddatee dagaagee eebba namoota heedduu akka inni ta’u amantiin keenya guddaa dha, kadhata keenyaanis isnii wajjin jirra. Gaa’la eebbaa fi kan gammachuu isiniif haa ta’u!

Waldaa Kristiyaanaa Oromoo Oslo