”Atis amanamaa hiriyaa ko, dubartoota kana akka gargaartu sin kadhadha; isaan kun , Klemens, warri kaan hojii irratti hidhatakoo warra ta’an , warri jireenya argachuudhaaf maqaan isaanii macaafa jireenyaa keessatti caafame, dorgommee hojii wongeelaatti anaa wojjin dhama’aa turan.” Fil.4:3


Dubartootni hojii wangeelaa keessatti hidhata warra dhiiraa ta’uu isaanii kan hubachiisee fi ga’ee dubartootni hojii wongeelaa kessatti qaban irratt kan xiyyefate ayyanii guyyaa dubartoota inni baranaa sanbata guddaa, March 9 bara 2009 Walda Kristaana warra wangeelaa oromoo Oslotti kabajameera.


Waqefannaa addaa obbolettiwwan waldatiitiin qophaa’e irratti farfannootni gurmuu fi leexaa dubartootaan dhihataniiru. Kanamalees galiin isaa baballina wongeelaaf kan oolu caalbasiin dhihaachuu isaa irra iyyuu dhangaan aadaa mi’aawaan obboleettiwwaniin qophaa’ee dhihaateera.


Dubartootni hojii wongeelaa keessatti hidhata ta’uu isaanii kan ibsu barumsi sagalee waaqayyoo kennamuu isaa irra iyyuu isuma kana beekuudhaan tajaajilaa/ hojii wongeelaa keessatti woljajabeessuu barbaachisaa akka ta’e xuqameera.