
Fedhii isaaniitiin kan walitti dhufan dargaggoota waldaa Kirisityaanaa Oromoo Oslolootiin kan qophaa’ee sagantaaan addaa gaafa 22 February 2009 dhiyaate eebba guddaa ta’eera. Dargaggoota waldattiitiin waaqeffannaan, faarfannaa, barreeffamaa adda addaa fi do’iin hafuuraa dhiyaateera. Xiyyeeffannaa guyyichaa kan ture waa’ee ergaa wangeelaa warra hin dhaga’iniin ga’uu fi humna wangeelaa kan jedhu ture. Mata dureedhuma kana irratti dubbii Waaqayyoo keessaa miseensa qindeessaa sagantichaa keessaa tokko kan ta’ee fi yeroo ammaa kanatti barnoota ol aanaadhaaf University Oslootti barataa kan ta’e Nebiyutiin barumsi gad-fagoon kennameera. Diraamaan guyyichaa kan inni irratti xiyyeeffates haaluma kanan yemmuu ta’u lubbuun gara wangeela dhageessee fayyitu hidhaawwan hedduu irraa akka isheen hiikamtu kan mul’isu ture. Walumaa galatti ergaan guyyichaa namni Wangeela dhaga’e hundi galfata guddaan akka itti kennamee fi Ifni Wangeela Kristoos biyya hundaatti, saba hundaatti ifuu akka qabu ture. Waldattiinis saba gidduu jirtutti ifa wangeelaa ibsuun itti gaafatama ishee ta’uu isaa yeroo hundaa yaadachuu akka qabdus ergaan dubbii Waaqayyoo gaafas dhufe yaadachiiseera.