obbo Taadasaa Galataa

IBSA GADDAA

Guraandhala 3 bara 2010 nugidduudhaa gara Gooftaatti kansassabaman du'a obboleessa keenya obbo Taddasaa Galataatti Walaldaan keenya danuu gadditi. Angafoota waldaa keenyaa keessaa tokko kanturan obbo Tadasaa Galataa hiriyootaa fi hawaasa keessatti kan jallataman turan. Gaddaa guddaan kun kan isaan mudate maatii, hiriyoota, firoottan isaanii fi amantoota hundaaf Waaqayyo akka jajjabina kennuuf Waaqayyoon kadhachaa, seenaa jireenya isaanii gabaabsinee akka armaan gadiitti dhiheessina.

SEENAA GABAABAA JIREENYA OBBO TAADDASEE GALATAA


Obbo Taaddasee Galataa Gobbuu bara 1946 bakka Boojjii Coqorsaa jedhamutti abbaa isaanii obbo Galataa Gobbuu fi harmee isaanii aadde Taatuu Kunoo irraa dhalatan. Bakkuma dhaloota isaaniitti mana barumsaa Boojjii Karkarroo jedhamutti kutaa 1-8 erga baratanii booda  magaalaa Bishooftuutti  Kutaa 9-12 mana barrnootaa evangelical college jedhamutti  baratanii xumuran . Barnoota isaanii kutaa 12ffaa akkuma xumuraniin waggaa lamaaf waajjira statistiksii biyyoolessaa Etiyoophiyaa keessa hojjetan. Bara 1977 University Finfinneetii barnoota Economiksiitiin digirii jalqabaatiin eebbifaman. Yeroodhuma barnoota isaanii Universititti barachaa turanitti bara 1975 aadde Maartaa Maathewoosii wajjin gaa’ela dhaabbatan. Walii wajjinis ijoollee lama godhataniruu.
Barnoota isaanii Universiitii irraa erga xumuranii booda mana Bankii daldalaa Finfinnee keessa ji’a ja’aaf hojjetaniiru. Sanaan booda hanga 1985tti waajjira waltaa’iinsa nyaataa Etiyoophiyaa (Ethiopian food corporation) keessa hojjechaa turan. Yeroodhuma kana keessaa yeroo addaa addaatti waldaa Kiristiyaanaa Makaane Yesuus keessatti ogummaa isaaniitiin hojjechaa fi gargaaraa turaniiru. Yeroodhuma hojii kana irra turanitt muuxannoo waljijjiruuf jechaa biyya Xaalyaanii dhaqanii ji’a ja’aaf turaniiru. Bara 1985 barnoota Skolarshiipii biyya Irland magaalaa Dublinii waan argataniif maatii waajjin gamasitti godaanuun digirii isaanii lammaffaa Ekonomiksiidhaan fudhatan. Bara 1986 barumsa Teolojii barachuuf skolarshiippii biyya Holaandii waan argataniif maatii waliin gamasitti imaluudhaan waggaa tokkoof Masters of Divinitii hordofaniiru. Bara 1987 haala barumsaa fi hojiitiin walqabateen gara biyya Norway magaalaa Oslotti maatiidhaan godaanuudhaan hanga dhuma jireenya isaaniitti jiraatan.
Obbo Taaddaseen karaa jireenya amantii isaanii nama jabaa turan. Kadhannaatti kan jabaatanii fi tajaajila waldaa kiristiyaanaa keessatti karaa adda addaa qooda fudhachaa turaniiru. Biyya yemmuu turanitti wangeela lallabuudhaan fi Waldaa Kirisitiyaanaa amantoota wangeelaa Makaane Yesuus Inxooxxoo keessatti jaarsolii wladaa keessaa tokko ta’uudhaan tajaajilaniiru. Bara mootummaan Dargii waldoota Kiristiyaanaa ari’achaa fi amantoota hidhaa turetti, amantoota keessumaa amantoota Mulu wengeel mana jireenyaa isaanii keessatti waltitti qabuudhaan tajaajilaa akka turan maatii fi hiriyoonni isaanii dhugaa ba’uuf. Waldaa Kiristiyaanaa amantoota wangeelaa Oromoo Osloo keessattis yeroo waldattiin hundooftee kaasanii hanga dhumatti miseensa ta’uudhaan hirmaannaa godhaniiru.
Obbo Taaddaseen saba isaaniifis jaalalaa fi hinaaffaa guddaa nama qaban turan. Sabboonummaa isaaniis karaa adda addaa ibasaa turaniiru. Hiriira nagaa uummanni isaanii yeroo adda addaa godhan keessatti hirmaachuudhaan, carraa argatan hundaan ammoo miidhaa saba isaanii irra ga’aa jiru ibsuutti hirmaannaa gochaa turaniiru.
Obbo Taadaseen bara 2008 kaasanii dhukkuba isaan mudateen deddeebi’anii yaalamaa erga turanii booda gaafa amajjii 3, 2010 magaalaa  Oslo mana yaalaa Ullevålitti addunyaa kana irraa du’aan boqotan.
Waaqayyo obbo Taadaseedhaaf isa amanachaa fi eeggachaa turan jireenya bara baraa keessatti boqonnaa; akkasumas maatii fi hiriyoota isaaniif ammoo jajjabina isaa haa kennu jenna.
Amajjii, 13, 2010. Oslo.

 

 

 

Waldaa Kristiyaanaa Oromoo Oslo