Konfraansiin afuuraa dargaggota waldaatiin qophaa'e eebba guddaa dhagalaasuudhaan xumurame.

November 28 fi 29.2009, guyyootii lamaaf adeemsifamaa kan ture konfransiin dagaggootaan qphaa'e kana irratti farfannootiin garagaraa, lallabni sagalee Waaqayyoo, do'iin barumsa namaaf kennu akkasumas iyyesoota gargaaruuf qophiin horii wolitti qabuu adeemsifameera. Guyyootii lamaanuu barumsi sagalee waaqayyoo AFUURAAN GUUTAMUU jedhu L. Tsegayesus Hurrisaatiin kennamuu isaa irra iyyuu namoota dhukuubsatanii fi kan rakkina garaagraa qabaniif kadhannaan addaa fi hiikamni guddaan ta'eera.

Do'iin hiyyeesota gargaaruu irratti xiyyefte dargaggoota kanaan kan dhihaate si'a ta'u namni tokko jia jiaan saantima xinnoo baasuudhaan daimman guddisee hinqabne, akkasumas kan mana barumsaa galuuf humna isaa hinqabne barsiisuudhaan guddisuun akka dandaamu hubatameera. Do'ii kanaan keessi isaanii kan xuqame amantootni baayyeen karoora waldaan bastuun dhimma kana irratti hirmaatanii waan isaan irraa barbaachisu raawwachuuf waadaa seenaniiru.

Qophii kana irratti meshaaleen adaa oromoo calaqisiisan garagaraa calbasiif dhihatanii galiin hojii wongeelaaf oolu argamuu isaa beekuun danda'ameera.

WKWOO