
Konfransiin afuuraa hiikama guddaadhaan xumurame!
Gaafa 28 fi 29.09.2009 Kan adeemsifame konfransiin afuuraa eebbaa fi hikama guddaatiin xumurameera. Walga’ii guyyootii lamanuu irratti barumsi sagalee waaqayyoo biyya Ameerikaa irra kan dhufe hojjetaa wangeelaa Dessalegn Ettafaa tiin kan kennameta’uu isaa irra iyyuu yeroon isaa yeroo waaqeffannaa fi yeroo kadhannaa addaa ta’eera. Kessuma dhukubsattootaa fi namoota dhibee garagara qabaniif kadhannaan yeroo ta’etti harki waaqayyoo fayyisuutiin, dinqii fi humna addaatiin mul’ateera.
Namootni fagoo fi dhihoo irraa dhufaan bayyeen kan irratti hirmaatan konfiransii guyyaa lamaa kana irratti hiikamni addaa ta uu isaa irraan kan ka’e afuurii waaqafannaa addaa waldattii irratti gadidhiifameera. Xumura konfiransichaa irratti yeroon dhugabaumsaa kan ture si’a ta’u amantootni carraa argatanitti fayyadamuudhaan dinqii waqayyo isaaniif godhee dhugaa ba’aniiru.
Waaqayyo isa afuura hiikamaa waaldaa isaa irratti gadhiiseef galatni haata’u!
Waldaa Kristiyaanaa Oromoo Oslo