youth confrence 2010

Roobii, gaafa 25.08.10 kaasee hanga dilbata gaafa 29.08.10 ti adeemsifamaa kan ture konfraansiin afuuraa waldaa keenyaan qophaa'e eebba guddaadhaan xumurame.

Guutummaa ergaa sagalee waaqayyoo konfransicha irratti darbe dhaggeeffachuuf as xuqaa.

Sagantaa kana irratti sagalee waaqayyoon kan nutajaajilan L/W Waaqee Ji'oo fi L/W Eebbasaa Brihanuuti. Sagantaalee gaafa roobii fi kamisaa irratti L/W Eebbasaa Brihaanuutiin dargaggootaa fi tajaajiltootaaf wolduraa duubaan barumsi addaa kan kenname sia'tau barumsi kenname kun guddaa bu'a qabeessa akka ta'e baruun danda'ameera. Akkasumas sanbata gaafa 28.08.10 sagalee waaqayyoon kan nutajaajilan L/W eebisaan maatii fi guddisa ijoollee irratti xiyyeffachuudhaan barumsa kennaniiru.

ijoollee-guddisuu

Jimaata gaafa 27.08.10 fi Dilbata gaafa 29.8.10 kan sagalee Waaqayyoo nuufiden immo L/W Waaqee si'a ta'an ergaan inni gaafa jimaataa "Duraandursaatii mootummaa waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaadaa, inni kan hundi itti issinii dabalamaa" yaada jedhu kan of keessaa qabu ture. Barumsi inni gaafa Dilbataa "Haalli nuti ijaan agarru waan barbbaade yoo ta'e iyyuu inni Waaqayyo kakate inuma raawwata!" ergaa jedhu of keessaa qaba ture.

jalqaba-mootummaa-waaqayyoo barbaaduu

Konfransii kana irratti farfannaan garagaraa fi waaqeffannaan addaa kan ta'e ta'uu isaa irra iyyuu, namoota gaaffii garagaraa qabaniif kadhannaan ta'eera.

Inni Waaqayyo jedhe utuu hinraawwatamiin hinhafu

WKWOO