alwaw gari

Konfiransii Hafuura Waldaan Kristiyaanaa amantoota Wangeelaa Oromoo Osloo qopheessite eebba guddaadhaan xumurame.

May 1-3, 2009 konfiransiin hafuuraa gaggeeffame irratti namoonni hedduun kan hirmaatan si'a ta'u ta’u tajaajila kennameen hafuurri isaanii akka dadammaqee fi eebba guddaa akka argatan hirmaattonni baay’een dhugaa ba’aniiru.

Konfiransicha irratti keessuummaan hafeeramaniin sagalee waaqayyoo nuuf hiran H.W Almaw Gaarii si' a ta'an Isaanis ayyaana Waaqayyo isaaniif kenneen guyyaa sadanuu dubbii Waaqayyoo mul’ataa fi jajjabina guddaan guute dhiyeessaniiru.

Jimaata, gaafa May 1, macaafa Asteer irratti hundaa’uun mataduree " kun yeroo keeti, waaqayyo hojiif as sikaa'e" jedhu irratti tajajiltootaaf barsiisa addaa kennaniiru. Gaafa sambataa fi Dilbataa May 2 fi 3 yaada garaa ofii geeddaratanii gad ofdeebisuudhaan arsaa barbaachisu baasanii waaqayyoof hojjechuu akkasumas waaqayyo gatii malee akka nama hinambifne kan ibsu barumsi keessa namaa haaressu kennameera.

Konfiransii guyyoota sadiif ture kana irratti tajaajiltoonni waldattii hala garaa garaatiin qooda fudhataniiru. Keessumaa gareen faarfattootaa fi gareen faarfattoota Abdii Borii faarfannaa fi waaqeffachiisuu isaan dhiyeessan eebba guddaa ture.

Barumsa xumura konfiraansii kana irratti kenname dhaggefachhuuf as xuqaa

 

Waldaa Kristiyaanaa Oromoo Oslo