Waldaa Oromoo Warra Wangeelaa Oslo tiif
Oslo, Norway
Gooftadhaan jaalatamoo kan taatan oboleetootaa fi obboloota keenya,akkam jirttu?Nagaan keenya maqaa gooftatiin waldaa Frankfurt irraa isin haa qaqqabu.
Jaarsooleen Waldaan Oromoo Warra Wangeelaa Frankfurt am Main guyyaa 30.05.2010 waa弾e rawwannaa Konferensii Ebla 13-16 gaggeefame ilaalchisee walga段i ademsisan irratti gargaarssi waldaa keessan irraa nuu godhamef galata guddaa akka isiniif dabarsinu haala waliigalameen ergaa kana dabarsineerra.
Jaarsoleen waldaa keenya fi amantoonni hundinuu fiixan bai段nsa fi miidhagina konferensii gaggeesine kanaaf gaheen keessan guddaa akka ture ittiamanu.
Hirmaatonni konferensichaa iddo fi biyya isaanitti erga deebi誕nii booda Waaqayyo bay段see akka isaan eebisee fi waldaa keessaniif immo gara keenyan galata guddaa akka dhiyeesinu nutti dhaamaniiru.
Waldaan Frankfurttis konferensii kana irratti dhuftanii akka nu tajaajiltan haala isin gaafanneen kan nu gaafanee fi eegnee oli taatanii sagalee Waaqayyotin,faarfanaadhan,kadhannaadhan fi bifa adda addaatin yeroo keessan ,qabeenya keessan aarsaa gootanii, hanqinna waldaa keenya nuu guuttanii nu tajaajiluu keessaniin jaalala gooftaa keenya fi nuuf agarsiistan kanaaf waldaa keesanii fi tajaajila keessan mara Waaqayyo dachaa dachaa dhan akka eebisu kadhanaa keenya.
Dabalataan tajaajila keessan keessatti tokkummaa,uulfina,jaalala walii qabdaniin fakkii waldaa Kristoos ishii dhugaa taatanii fuula keenya duratti mul値taniirtu.Waaqayyoof galanni isiniif immoo jajjabina akka ta置 maqaa gooftaa keenya Yesus Kristoosiin dhugaa isinii baana.
Ayyaanni gooftaa Yesus Kristos,jaalalli Waaqayyo,tokkummaan hafuura qulqulluus hunduma keessanii wajjin haa ta置.
Jaarsoolii Waldaa Oromoo Warra Wangeelaa Frankfurt.
Waxabajjii 05/2010