Ayyaana dhaloota gooftaa keenya Iyyesus Kristoos sababeefachuudhaan waldaa kristyaanaa warra wangeelaa oromoo Oslo tiin kan qophaa’e konfransiin afuuraa guyyoota 5f adeemsifamaa ture ebbaa guddaatiin xumurameera.
”Inni Mootii koo ta’ee dhalate eessa jira?!” mata duree jedhu irratti barumsi sagalee waaqayyoo H. Wangeelaa Fiqiruu Itichaa biyya Amerika magaalaa Miniapolis Minesotatii kan argmtu waldaa kristaanaa afaan oromoo irraa guyyoota jalqabaa arfanuuf kennamuu isaa irra iyyuu desember 31 galgala sa’atii 20:00 kaasee hanga sa’atii 03:00 ti barsiisa sagalee waqayyoo, waaqefannaa addaa, dhuga ba’iinsaa fi galataaan Waggaa haaraattisi ce’ameera.
Guyyootii shananuu dhukubsattootaaf kadhannaan kan ta’e si’a ta’u namootin baayyeen dhukkuba garagaraa irraa fayyaniiru. Dibata addaatiif kan kadhatama ture ta’u isaa irra iyyuu afuurri waaqayyoo humna addaatiin amantoota irratti dhufee, tajaajiltootni bayyeen kennaa afuuraa garagaraatiin dibamaniiru.
Konfransii kana irratti tajajiluuf biyya ameerikaa magalaa Washington D.C irraa kan dhufe farfataa Kamisoo Abbishee tiin farfannaan keessa namaa aara galfachiisanii fi waaqefannaan addaa dhihaateera. Konfransii kanaaf biyya Amerikaa irraa kan dhufan tajaajiltootni lamaan turtii magaalaa Oslotti qabatanitti tajaajila waldaa kessatti kennaa turaniin alatti guyyoota hundumaa sagantaa mandaraa bakka garagaratti qophaa’e irratti argamuudhaan tajaajila guddaa kennaniiru.
Konfiransii kana irratti farfannotni garagaraa gurmuu farfattoota waldichaatiin, farfattoota Abdii-Boriitiin akkasumas daimman waldichaatiin dhihataniru.Tajaajilli konfiransicha irratti kenname audeo fi videon isa qophaa’ee ba’uuf irratti hojjetamaa jira.

Waldaa kristiyaanaa warra wangeelaa oromoo Oslo. © 2009