|
Ergaa Peexiroos isa Jalqabaa.
KUTAA TOKKOFFAA
- SEENSA.
- Ergaa Pheexiroos eenyutu barreesse ? Ergaan Pheexiroos inni jalqabaa macaafota kakuu haaraa keessaa isa tokko. Ergamichi Pheexiroos ergaawwan lama barreesse. Barreessaan macaafota kana lammanii kan ta’e Pheexiroos, waa’een isaa Macaafa Qulqulluu kakuu haaraa keessatti ball’inaan ibsameera. Namni kun duraan utuu Yesuus Kristoos isa hin waamin dura nama hojii qurxummii qabuutti bobba’e ture. Obboleessa isaa Indiriyaas nama jedhamuu wajjin hojii kana irra utuu jiruu Yesuus Kristoos lamman isaanii iyyuu duuka buutota isaa akka isaan ta’aniif isaan waame.(Luq.5) Pheexiroos namoota ergamoota isaa akka ta’aniif Yesuus waame kudha lamman keessaa tokko ture. Ergamootuma kudha lamman kana keessaa ammoo caalaatti kan isatti dhiyaatan sadan keessaa tokko dha. Pheexiroos waa’ee eenyummaa Iyyesuus Kristoos mul’ata argatee dhugaa ba’e irraan kan ka’e dhuga ba’usicha irratti waldaa isaa akka ijaaru Yesuus Kristoos dubbate. (Math.16) Pheexiroos gara dhuma tajaajila Yesuus Kristoos irratti yemmuu inni dabarfamee kenname akkuma Yesuus duraan dursee dubbate si’a sadii Gooftaa isaa kana gane. Boddee garuu yaada garaa isaatii geeddaratee deebi’uun warra du’aa ka’uu Yesuus Kristoos arganii labsan keessaa tokko ta’e. Pheexiroos waldaa Kristaanaa jalqaba Yerusaalem turte keessatti iddoo guddaa kan qabuu fi gaggeessaa ture. Akka seenaan waldaa Krisitiyaanaa dubbatutti dhuma irratti Pheexiroos magaalaa Roomaatti bara 68 D.K.B. fannoo irraatii gadi gonbifamee fannifamuudhaan wangeelaaf wareegame.
- Ergaan pheexiroos eenyuuf barreeffamee? Ergamichi Pheexiroos ergaa isaa yemmuu barreesse seensaa ergaa isaa irratti eenyuuf akka barreesse caqaseera. Innis 1Phe. 1:1 irratti “Amantoota warra bakka garaa garaatti bittinnaa’aniif” jedha. Amantooni kun biyya garaa garaatti faca’anii kna jiraatan Yihudootaa fi ormoota amantii Kristaanummaa fudhatan ta’uu ni danda’u. Isaanis:
- Warra lallaba Pheexiroos gaafa guyyaa ayyaana pheenxeqoosxee (shantammaffaa) dhaga’anii amanan. (HoEr. 2.9). Gaafa guyyaa pheenxeqoosxee sana lallaba pheexiroosiin lubbuu kuma sadiitu amanee ture.
- Amantoota are’atamaan iddoo garaa garaatti bittinnaa’an. (HoEr. 8.1ff) Amantoonni magaalaa Yerusaalemii fi naannoo ishee jiraataa turan ari’atama guddaa isaan irratti ka’een gara naannoo fi biyyoota garaa garaatti faca’uuddhaan wangeela lallabuu isaanii itti fufan.
- Pheexiroos ergaa isaa yoom barreessee? Ergamich Pheexiroos kan inni du’e dhalootoa Kristoos booda bara 68tti ture. Kitaabonni tokko tokko akka dubbatanitti Pheexiroos ergaa isaa kana bara 60-65 gidduutti barreesse.
- Ergaan Pheexiroos kun eessaa barreeffamee? Pheexiroos ergaadhuma isaa kan keessatti iddoo Babiloon jedhamtu tokko irraa akka barreesse caqaseera. (1Phex. 5:13). Akka Seera Uumamaa 11 keessaa dubbifnutti Baabiloon (Baabel) jechuun saba afaan isaa wal makame jechuu dha. Baabelitti namoonni yemmuu walitti qabamanii gimbii ijaaruuf walii galan yaadni isaanii Waaqayyoon hin gammachiifne ture. Yaadni akeeka Waaqayyoo irratti ka’e bakka inni itti mul’ate ture. Dhaloota Krisotoos dura jaarraa 6ffatti ammoo Baabioon saba Waaqayyoo kan boojite turte. Sabni Waaqayyoo mootii Baabilooniin booji’amanii gara biyya Baabiloonitti guuraman. Magaalattiin Baabiloon jedhamtu kun akka mul’ata Yohaannis irratti barreeffamee jirutti magaalaa Rooma akka taate warri dubbii Waaqayyoo qoratan itti walii galu. Yeroo Pheexiroos (kakuu haaraa) maqaa kana kan fudhatte Roomaan qulqulloota kan ari’attuu fi hojii Waaqayyoon kan mormitu turte. Pheexiroosii fi amantoonni isaa wajjin turan garuu akkuma Daani’eelfaa bara Kakuu Moofaa keessa biyya Baabiloon keessa ta’aanii Waaqa dhugaa waaqeffataa turn, waaqa dhugaa waaqeffatu turan. Saba Waaqayyoof hin bulle gidduu taa’anii, saba Waaqayyoon hin waaqeffanne gidduu taa’anii Waaqayyoon waaqeffachuu danda’uun eebba dha. Pheexiroos egaa biyya Baabiloon jedhamtu keessa haa jiraatu iyyuu malee ergaa Waaqayyoo nama qabuu fi namoota wal’aansoo jireenya amantii keessa jiran kan jajjabeessu ture.
- Ergaan Pheexiroos maaliif barreeffame? Pheexiroos ergaa isaa sababa maaliif akka barreesse 1Phex. 5:12 irratti ifa godheera. “... ergaa gabaabduu kana ittiin isin gorsuuf, kun ayyaana Waaqayyoo isa dhugaa ta’uu isaa dhugaa ba’uudhaaf isinii caafeera.” Egaa ergaa kana Pheexiroos kan inni barreesseef ‘ittiin gorsuu’ fi ‘dhugaa ba’uuf’ ta’uu isaa hubachuun nama hin dhibu. Walumaa galatti ergaawwan Pheexiroos kana keessatti ijoowwan kana lamman irratti xiyyeeffachuudhaan caalaatti haala yemmuu sana amantoonni iddoo garaa garaa keessa jiranitti furmaata kennuudhaaf barreesse. Isaanis:
- Ari’atama. Barra sana keessa waldaan Kristaanaa reefuu kan hundaa’aa jirtu ta’uu ishee irra iyyuu darbee abidda ari’atamaa keessa kan jirtu waan turteef Pheexiroos ari’atama sana keessa akkamitti darbuun akka isaaniif ta’u gorsa isaaniif barreesse.
- Addaan qoodamuu. Yeroo sanatti rakkoo kan addaan ba’umsatu amantoota gidduu ture.
- Waa’ee Abdii. Amantoonni abdii qabaniitti akka jabaatan gorsa.
- Adeemsa amantii. Amantoonni Kristaanaa adeemsa amantii isaanii keessatti xiyyeeffannaa isaan gochuu qaban ni gorsa.
- Ayyaana Waaqayyoo isa dhugaa. Pheexiroos amantoonni Kristiaanaa ayyaana Waaqayyoo isa dhugaa beekanii akka keessa jiraatan fi dhugaa ba’an ni gorsa.
- Qabiyyee Ergaa Pheexiroos isa jalqabaa.
- Nagaa. 1:1-2
- Kennaa Ayyaan Waaqayyoo 1:3-12
- Jireenya Amantii 1:13-5:11
- Qulqullummaa 1:13-2:3
- Bakka amantootaa 2:4-12
- Mana Hafuuraa 2:4-8
- Dhaloota fo’amaa 2:9-10
- Keessummoota 2.11-12
- Warra Aboo qabaniif bitamuu 2:13-3:7
- Dirqama nama hundumaa 3:8-17
- Fakkeenya Kristoos 3:18-4:6
- Dhuma waan hundumaa 4:7-11
- Dhiphina Kristoositti hirmaachuu 4:12-19
- Maanguddoota waldaa 5:1-4
- Haala dargaggootaa 5:5-11
- Akeeka Ergichaa. 5:12
- Nagaa Xumuraa 5:13-14
Kutaa keenya isa itti haanutti ammaoo qorannoo Kitaabichaa irraatti kan xiyyeeffaatu kutaa lammaffaa fudhannee dhiyaanna.
(Nadeebisi gara kutaa qorannoo MQ ti)
|